Itiyoophiyaan tumsa daldalaa Jaappaan waliin qabdu cimsuuf hojjechaa jirti

Guraandhala 13/2017(TOI)- Itiyoophiyaan tumsa daldalaa fi Invastimantii Jaappaan waliin qabdu cimsuuf hojjechaa akka jirtu Jaappaanitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dhaabaa Dabaleen ibsan.

Ambaasaaddar Dhaabaan hooggantoota Kaampaanii KYO-ROMAN GROUP HOLDINGS Jaappanitti daldala jumlaa uffannaa fi oomishoota addaddaa irratti bobba’e waajjira isaaniitti mari’ataniiru.

Ambasaaddar Dhaabaan carraalee fi filmaattota daldala Itiyoophiyaa ilaalchisuun hooggantootaaf ibsaniiru.


 

Itiyoophiyaa fi Jaappaan aadaa boonsaa kan qaban ta’uu ibsanii, Embaasiin Itiyoophiyaa Tookiyootti argamu tumsa ummattoota biyyoota lamaanii, daldalaa fi Invastimantii cimsuuf hojjechaa akka jiru himaniiru.

Hooggantoonni Kaampaanichaa albuunni Itiyoophiyaa Oppaal fudhatama guddaa akka qabu ibsanii, oomisha kana baay’inaan Jaappaan galchuuf fedhii qabna jedhaniiru.

Kaampaanichi A.L.Atti jalqaba baatii Juun 2025 guyyaa hundeeffamasaa waggaa 40ffa wayita kabaju Albuuda Itiyoophiyaa Oppaal akka beeksisu ibsuusaanii odeeffannoon Embaasii Itiyoophiyaa Jaappaan irraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015