Riifoormiin dinagdee Gooroo bu’aa dameen dhuunfaa argatan guddisuun Invastimantii kallattii alaa nidabala-Ministira maallaqaa Ahimad Shidee

Guraandhala 13/2017(TOI)- Riifoormiin dinagdee Gooroo hammataan bu’aa dameen dhuunfaa argatan guddisuun Invastimantii kallattii alaa akka dabalu taasisuusaa Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee ibsan.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, Itti aantuun ministira muummee Ingiliz Anjelaa Reeynar, daarektarri olaanaa abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa Haannaa Tehelquu fi hojii raawwachiisaan olaanaa gabaa sanadaa Itiyoophiyaa Dr. Xilahun Ismaa’el tumsa dinagdee biyyoota lamaanii ilaalchisuun waloon ibsa kennaniiru.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee wayita kana akka jedhanitti, waggootta jahan darban Itiyoophiyaan riifoormii dinagdee mandhaleen jijjiirama bu’uraa galmeessiteetti.


 

Riifoormii dinagdee guutuu taasisuun dhaabbilee misoomaa mootummaanis ta’e damee dhuunfaan jijjiirama guddaa fiddeetti.

Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa, Itiyoo-telekoom, baankii daldala Itiyoophiyaa fi dhaabbilee misoomaa mootummaarratti jijjiirama hojmaataa taasisuun guddina dinagdee hunda galeessa fiduun akka danda’ame ibsaniiru.

Riifoormiin dinagdee kun Invasimantii kallattii alaa dabaluusaa ibsanii, hirmaannaan kaampaaniiwwan Ingiliz dabalaa dhufuu beeksisaniiru.

Itti aantuun ministira muummee Ingiliz Anjelaa Reeyinar gamasaaniin, jijjiiramni dinagdee gama hundaan galmaa’aa jiru dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru.


 

Ingilizii fi Itiyoophiyaan damee garagaraan tumsa bara dheeraa akka qaban yaadachiisanii, Ingiliz bu’a qabeessummaa gabaa sanadaa Itiyoophiyaa jalqabameef deeggarsaa fi tumsa barbaachisu nitaasifti jedhaniiru.

Dureeyyiin Ingiliz damee garagaraan Itiyoophiyaatti invast gochaa akka jiran eeranii, damee geejjibaa fi lojistiksiin tumsa cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.


 

Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa Haannaa Tehelquu Itiyoophiyaan gabaa sanadaa Itiyoophiyaa bal’inaan eegaluuf boqonnaawwan gabbisaa fi leenjii  dhaabbilee xumuruun hojiitti galteetti jedhan.

Abbaan taayitichaa tumsa tarsiimawaa badhaadhina dinagdee mirkaneessuu dandeessisu akka taasisu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015