Itiyoophiyaa fi Hindi michoomaa fi tumsa isaanii sadarkaa olaanaatti guddisuuf waliigalan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Hindi michoomaa fi tumsa isaanii sadarkaa olaanaatti guddisuuf waliigalan

Guraandhala 13/2017( (TOI) - Itiyoophiyaa fi Hindi michoomaa fi tumsa isaanii sadarkaa olaanaatti guddisuuf waliigalaniiru.
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos waltajjii ministiroota dhimm alaa garee 20 Kibba Afriikaa, Johaanisbargitti taa’amaa jiru cinaatti ministira dhimma alaa Hindi Jeeyishaankaar waliin mari’ataniiru.
Marii kanaanis gitni isaanii Hindi Jeeyishaankaar Dr. Geediyoon ministira dhimma alaa ta’uun muudamuusaaniif “baga gammaddan” ittiin jedhaniiru.
Ministiroonni dhimma alaa kunneen mariisaaniin tumsaa fi michooma biyyoota lamaanii bara dheeraaf ture cimsuu fi sadarkaa olaanaatti ceesisuuf walii galaniiru.