Hojiin misooma Kooriidarii Kiiloo meetira 25 magaalaa Buttaa Jiraatti hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hojiin misooma Kooriidarii Kiiloo meetira 25 magaalaa Buttaa Jiraatti hojjetamaa jira

Guraandhala 14/2017(TOI)- Hojiin misooma Kooriidarii bifa Buttaa jiraa jijjiiruu fijireenyaaf filatamaa taasisu Kiiloo meetira 25 hojjetamaa akka jiru bulchiinsi magaalichaa beeksise.
Kantiibaan bulchiinsa magaalichaa obbo Abduu Ahimad TOI’tti akka himanitti, misoomni kooriidarii magaalota miidhagaa, jireenyaaf mijataa fi dorgomaa taasisuuf bu’ura ta’aa jira.
Hojii ijaarsaa misooma kooriidarii boqonnaa duraa magaalaa Buttaa Jiraa kiiloo meetira 2 tuqaa 2 xumuramee tajaajilaaf ooluusaa dubbataniiru.
Boqonnaa lammataan hojiin misooma Kooriidarii Kiiloo meetira 25 yeroo ammaa hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Daandiin lafoo fi biskileetii akkasumas iddoowwan magariisaa fi faawunteenii dabalatee bu’uraaleen misoomaa biroon misooma kanaa hammatamuu eeraniiru.
Misoomni kooriidarii boqonnaa lamaan hojjetamu kun walumaa gala amma Waxabajjii 30 bara 2017tti xumuruun tajaajilaaf oolchuuf karoorfameera.
Maallqni hojii kanaaf barbaachisu galii keessoo fi hawaasa qindeessuu fi hirmaachisuun akka hojjetamu himaniiru.
Hojiin misooma kooriidarii kun naannawa miidhagaa fi qulqulluu uumaa akka jiru kan dubbate ammoo jiraataa magaalichaa dargaggoo Jamaal Makkaati.
Misoomni kun bakka aara galfii, bashannanaa, bakka kitaaba itti dubbisan kan mijeesse yoo ta’u, magaalicha jiraataaf mijataa taasisaa waan jiruuf cimee itti fufuu qaba jedha dargaggoon kun.
Jiraataan magaalichaa obbo Machaal Taaddasaa gamasaaniin, misoomni kooriidarii mootummaan jalqabe jajjabaachuu fi cimuu akka qabu dubbataniiru.
Hojiin kun miidhagina magaalichaa dabalaa fi sochii dinagdee kakaasaa jiraachuu dubbatanii, milkaa’ina isaaf gumaacha irraa eegamu akka bahan ibsaniiru.