Itiyoophiyaan damee Industirii Oomishaatiin tumsa Hindi waliin qabdu cimsuu barbaaddi-De’eetaa ministiraa Hasan Mahaammad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan damee Industirii Oomishaatiin tumsa Hindi waliin qabdu cimsuu barbaaddi-De’eetaa ministiraa Hasan Mahaammad

Guraandhala 14/2017(TOI)- Itiyoophiyaan damee Industirii Oomishaatiin tumsa Hindi waliin qabdu cimsuu akka barbaaddu de’eetaa ministira Industirii Hasan Mahaammad ibsan.
De’eetaan ministiraa kun dureeyyota waldaa Industirii Hindi (Confederation of Indian Industry) waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.
Mariin kun haala dureeyyiin kunneen Itiyoophiyaatti damee Industirii oomishaa irratti hojjechuu danda’an irratti kan xiyyeeffatedha.
Mootummaan fayyadama dinagdee lammiilee mirkaneessuu fi badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf damee Industirii oomishaaf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa akka jiru de’eetaan ministiraa kun ibsaniiru.
Invastaroota biyya alaa hojii kana hojjetaniif hammattoo seera Industirii mijataa uumuu irraa eegalee filmaattonni Invastimantii mijachuusaanii himaniiru.
Tumsi Itiyoophiyaa fi Hindi damee Industirii oomishaatiin cimuun guddina Industirii akkasumas cehumsa Teeknooloojii fi beekumsaaf qooda olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.
Dureeyyiin waldaa Industirii Hindirraa dhufan damee Industirii oomishaatiin Itiyoophiyaa keessatti Invast gochuuf haalli mijataan akka jiru hubachuusaanii ibsuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.