Xiyyaarri Tsahaay-2 balallii yaalaa kan jalqabaa milkaa’inaan xumurte - ENA Afaan Oromoo
Xiyyaarri Tsahaay-2 balallii yaalaa kan jalqabaa milkaa’inaan xumurte

Guraandhala 14/2017(TOI)- Xiyyaarri leenjii Tsahaay-2 humna qilleensaa RDFI keessatti hojjetamte balallii yaalaa kan jalqabaa milkaa’inaan xumuushee itti aanaan ajajaa humna qilleensaa suphaa olaanaa Aviyeeshinii koloneel Masarat Geetaachoo ibsaniiru.
Xiyyaarri Tsahaay-2 leenjii balaliiftotaa fi tajaajiloota biroof ooluu akka dandeesu kan beeksisan koloneel Masarat Geetaachoo, teeknooloojii ammayyaa dirqama kennameef ga’umsaan raawwachuu dandeessisu hidhachuushees ibsaniiru.
Balalliin yaalii milkaa’aa kun imala guddinaa humni qilleensaa irra gahe akka mul’isu kan ibsan Koloneel Masarat, fuulduras gara oomishaatti cehuuf warshicha meeshaalee sakatta’iinsaa guutuu fi ogeeyyota ga’oomsuu irratti akka argaman dubbataniiru.
Ajajaan Skuwaadiroonii Xiyyaara Geejjibaa fi balaliisaan akkasumas yaalii balallii Xiyyaara Tsahaa-2 milkaa’inaan kan raawwatan Kumaalaa Fiqaaduu Damisee gamasaaniin, Xiyyaarri kun teeknooloojii Xiyyaaraa addunyaan irra gahe kan hidhatte, dandeettiin balali’uu ishees amansiisaa fi mul’ata dhaabbatichi qabateef gumaacha olaanaa kan gumaachitu ta’uu ibsaniiru.