Manni maree qaama dubartootaa paartichaa walgahii idilee taa’aa jira

Guraandhala 14/2017(TOI)- Manni maree qaama dubartootaa paartii badhaadhinaa Adaamaatti  walgahii idilee taa’aa jira.

Raawwii baatii jahaa mana marichaa fi murtoowwanii fi kallattiiwwan paartiin badhaadhinaa yaa’ii lammaffaa irratti dabarse irratti nimari’atama jedhameera.

Hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Paartii Badhaadhinaa Mallasee Alamuu wayita kana akka jedhanitti, Paartiin Badhaadhinaa kallattiiwwan milkaa’inoota amma ammaatti argaman sadarkaa olaanaatti ceesisuu dandeessisan kaa’eera.

Murtoowwanii fi kallattiiwwan Paartichaa sirnaan hojiirra oolanii bu’aa barbaachisu akka buusan gumaachi dubartootaa guddaa ta’uu dubbataniiru.

Badhaadhina biyyaa fi ijaarsa nageenyaa milkeessuuf shoora dubartootaa guddisuun akka barbaachisu eeraniiru.

Manni maree Miseensota qaama dubartootaa sKaroorri paartichaa akka milkaa’an ittigaafatama isaanii akka bahan gaafataniiru.

Fayyadama dinagdee dubartootaa mirkaneessuuf carraaqqiiwwan gaggeessummaa Paartii Badhaadhinaan jalqabaman galmaan gahuuf miseensonni qaama dubartootaa itti gaafatama isaanii ga’umsaan bahuu akka qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015