Jiddugaleessichi waggaatti daa’imman kuma shanii ol ta’aniif tajaajila nikenna-Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Jiddugaleessichi waggaatti daa’imman kuma shanii ol ta’aniif tajaajila nikenna-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Guraandhala 14/2017(TOI)-Jiddugaleessi ga’oomaa waldhaansa baqaqsanii hodhuu niwuroosarjarii daa’immanii waggaatti daa’imman kuma shan caalaniif tajaajila akka kennu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Hoospitaalli yaadannoo Zawudituu Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta’e jiddugaleessi ga’oomaa waldhaansa baqaqsanii hodhuu niwuroosarjarii daa’immanii har’a eebbifamuusaa Kantiibaa Adaanech ergaa fuula marsariitii isaanii irratti barreessaniin ibsaniiru.
Jiddugaleessi kun meeshaan waldhaansaa ammayyaa kan guutameef yoo ta’u, waggaatti daa’imman kuma shan caalaniif tajaajila akka kennu himaniiru.
Jiddugaleessi kun daa’imman Itiyoophiyaaf iddoo guddaa kan qabuu fi Finfinneen daa’ima guddisuuf magaalaa Afriikaa ishee filatamtuu taasisuuf hojii jalqabame akka deeggaru dubbataniiru.
Bulchiinsi magaalaa fedhii tajaajilamtootaa yeroo yeroon dabalaa dhufe keessummeessuu fi damee fayyaan jijjiirama bu’uraa fiduuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Jiddu galeessa ga’oomaa Hoospitaala yaadannoo Zawuditii keessatti ijaarameef gumaacha Riich Anaazer Faawudeeshin taasiseef galateeffataniiru.