Hirmaannaa damee dhuunfa ijaarsa dinagdee marariisaa irratti cimuu qaba-Ministira karooraa fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa - ENA Afaan Oromoo
Hirmaannaa damee dhuunfa ijaarsa dinagdee marariisaa irratti cimuu qaba-Ministira karooraa fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa

Guraandhala 14/2017(TOI)- Sirna dinagdee jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruu keessatti hirmaannaa damee dhuunfaa cimee akka ittifufu Ministirri karooraa fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa gaafatan.
Woorkishooppiin ajandaa jijjiirama haala qilleensaa irratti hirmaannaa damee dhuunfaa Faayinaansiin walqabate cimsuuf akeekame Finfinneetti taa’amaa jira.
Itiyoophiyaan waliigaltee Paaris dabalatee waliigalteewwan jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaa fudhattee hojiirra oolchaa jirti jedhan ministirri Dr. Fitsum Asaffaa.
Misoomni dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne karoora misoomaa muummee keessatti xiyyeeffannoon akka kennameef eeraniiru.
Sirna dinagdee jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruu keessatti dameen dhuunfaa dammaqinaa fi adda durummaan akka hirmaatu gaafataniiru.
Fakkeenyaaf jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu keessatti faayinaansii barbaachisu dhiheessuuf tumsa damee dhuunfaa fi mootummaa cimsuun akka barbaachisu eeraniiru.
Itiyoophiyaatti bakka bu’aan inistiitiyuutii misooma magariisaa idil addunyaa Daani’eel Obonaayaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu keessatti hojiilee bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuushee dinqisiifataniiru.
Itti aanaan barreessaa olaanaa mana maree daldalaa fi waldaalee damee Itiyoophiyaa Dr. Qananiisaa Lammii, dameen dhuunfaa pirojektoota misooma dinagdee magariisaa fi egeree eegumsa naannoof gumaacha taasisan irratti hirmaannaasa akka cimsu dubbataniiru.