Paaspoortiiwwanii fi sanadoonni imalaa Itiyoophiyaa ammayyaa fi nageenyummaan isaanii kan eegame taasisuun tarkaanfii guddaadha-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Paaspoortiiwwanii fi sanadoonni imalaa Itiyoophiyaa ammayyaa fi nageenyummaan isaanii kan eegame taasisuun tarkaanfii guddaadha-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Guraandhala 14/2017(TOI)- Paaspoortiiwwanii fi sanadoonni imalaa Itiyoophiyaa ammayyaa fi nageenyummaan isaanii kan eegame taasisuun tarkaanfii guddaadha jedhan Pirezidaant RDFI Taayyee Atsqasillaasee.
Paaspoortiin elektirooniksii haaraan teeknooloojii addunyaan irra gahe fayyadamuun Itiyoophiyaatti oomishame har’a ifoomeera.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee wayita kana akka jedhanitti, Paaspoortiiwwanii fi sanadoonni imalaa Itiyoophiyaa ammayyaa’aa fi nageenyummaan isaanii kan eegame taasisuun tarkaanfii guddaadha .
Paaspoortiin elektirooniksii hojiirra ooluunsaa maqaa gaarii biyya beeksisuun gamatti kabaja lammiileef kenname kan ibsudha jedhaniiru.
Paaspoortiin kun waliin dhahuu kamiyyuu ittisuuf qooda bakka bu’aa hinqabne akka qabaatu pirezidaant Tayyeen dubbataniiru.
Sanadoonni ammayyaan sochii namootaa si’achuusu
un gamatti daldala mijeessuu fi carraa hojii seera qabeessa argachuuf akka barbaachisan dubbataniiru.
Paaspoortiin Elektirooniksii tajaajila qulqulluu fi ifoome lammiileef kennuuf nigargaara jedhaniiru.
Daarektarri olaantuu Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa Salaamaawiit Daawit gamasaaniin, Paaspoortiin Elektirooniksii odeeffannoo baayoomeetiriikii nama dhuunfaa dabalatee ashaaraa qubaa, fuula adda baasuun kan itti beekamuu fi elektirooniksi Chiipsii kan hamate akka ta’e ibsaniiru.
Paaspoortiin Elektirooniksii kun adeemsota Immigireeshinii si’achiisuu dabalatee odeeffannoowwan sobaa fi waliin dhahuu ittisuuf kan dandeessisu ta’uu himaniiru.
Dabalataanis paaspoortota sobaa hojjechuu ykn yaaddoo paaspoortii nama biraa kaayyoo hinmalleef fayyadamuu akka hir’isu mirkaneessaniiru.
Kanaan alattis daangaalee lafaa fi samii Itiyoophiyaa sirnaan to’achuu fi nageenya biyyaa gama eeguutiin faayidaa olaanaa akka qabaatu mirkaneessaniiru.
Paaspuurtichi suuraawwan hambaalee fi iddoowwan seena qabeessaa Itiyoophiyaa fuula keessoo isaatti kan qabuu fi paaspoortii Kanaan duraa irraa halluu fi diizaayiniin adda jedhaniiru.
Paaspoortichi ulaagaalee sadarkaa idil addunyaatti kaa’aman kan guutee fi fudhatama idil addunyaa kan mirkaneesse ta’uun ibsameera.
Paaspoortiin Elektirooniksii kun Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis fi waldaa aksiyoonii Tooppaan seekuriitii Itiyoophiyaan biyya keessatti akka oomishame waltajjicha irratti himameera.
Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee, Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo, Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, pirezidaantiin mana murtii walii gala federaalaa Tewoodiroos Mihirat, sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu galeessa qindeesaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii Paartii badhaadhinaa Adam Faaraah, daarektarri olaantuu Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa Salaamaawiit Daawit fi hooggantoonni mootummaa olaanoo biroon saganticha irratti argamaniiru.