Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee gamtaa Awurooppaa waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedhii cimaa qabdi – Dr. Geediyoon Ximootiwoos

Guraandhala 14/2017(TOI)- Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee gamtaa Awurooppaa waliin qabdu kan barootaaf  ture caalaatti cimsuuf fedhii cimaa akka qabdu ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan.

Walgahiin ministiroota dhimma alaa biyyoota garee G-20 Kibba Afriikaa Johaanisbargitti taa’amaa jiru har’a guyyaa lammaffaa isaati.

Gareen jila Itiyoophiyaa ministira dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosiin durfamu walgahicharratti hirmaachaa jira.

Ministirichi walgahii kana cinaatti bakka buutuu olaantuu dhimmoota alaa Awurooppaa fi imaammata nageenyaa fi itti aantuu pirezidaantii komishinii Awurooppaa Kaajaa Kaalaas waliin mari’ataniiru.

Qaamonni lamaan walitti hidhata Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa jidduu jiru irratti akkasumas dhimmoota waloo biyyaa, qaxanaa fi idil addunyaa irratti yaada walii qoodaniiru.

Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos hariiroo gamlamee bara dheeraa Itiyoophiyaan gamtaa Awurooppaa waliin qabdu caalaatti cimsuuf kutannoo akka qabdu ibsuu isaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI #Itiyoophiyaa #dippilomaasii

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015