Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa yaa’ii biyyoota Afriikaa Buna oomishanii G-25 irratti argamuuf Taanzaaniyaa dhaqan

Guraandhala 14/2017(TOI)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa yaa’ii biyyoota Afriikaa Buna oomishanii G-25 yeroo sadaffaa adeemsifamu irratti argamuuf Taanzaaniyaa Daaree Salaam dhaqaniiru.

Afriikaarraa Buna oomishuun adda duree kan taate Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni Afriikaa Buna oomishan 25 yaa’ii kanarratti nihirmaatu.

Yaa’ii mata duree “Industirii Buna Afriikaa dadammaqsuun dargaggootaaf carraa hojii uumuu” jedhuun adeemsifamu Kanaan mariin damee kana dadammaqsuu fi carraa hojii bal’aa uumuu dandeesisan akka adeemsifaman ni’eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015