Hojiin misooma Kooriidarii magaalaa Bahaar Daar miidhagina magaalichaa caalaatti kan mul’isudha - ENA Afaan Oromoo
Hojiin misooma Kooriidarii magaalaa Bahaar Daar miidhagina magaalichaa caalaatti kan mul’isudha

Guraandhala 14/2017(TOI)- Hojiin misooma Kooriidarii magaalaa Bahaar Daar miidhagina magaalichaa caalaatti kan mul’isudha jedhan hoogganaan damee ummataa fi hariiroo alaa paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa.
Dr. Biqilaa Hurrisaa fi bulchaan naannoo kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa dabalatee miseensonni hooggansaa biroon galgala kana hojii misooma kooriidarii magaalaa Bahaar Daaritti hojjetamaa jiru daawwataniiru.
Konfaransii ummataa magaalaa Bahaar Daaritti taa’amurratti hirmaachuuf magaalaa Bahaar Daaritti kan argaman Dr. Biqilaa Hurrisaa misoomni Kooriidarii magaalaa Bahaar Daaritti hojjetamaa jiru raajiidha jedhaniiru.
Boruu eegalee magaalaawwan Itiyoophiyaa guruddoo 25 keessatti guyyoota lamaaf konfaransiin ummataa akka taa’amu beeksisaniiru.
Bulchaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa Xilahuun Kabbadaa gamasaaniin, misooma Kooriidarii dabalatee hojiiwwan bu’uraaleen misoomaa magaalaa Bahaar Daaritti hojjetamaa jiran keessumaa naannoo haaraa isaan gaggeessaniif muuxannoon kan irraa fudhatamudha jedhaniiru.
Dursaan Kantiibaa magaalaa Bahaar Daar fi hooggantoonni olaanoon naannichaa daawwannaa kanarratti hirmaataniiru.