Konfaransiin ummataa Finfinneetti taa’amaa jira - ENA Afaan Oromoo
Konfaransiin ummataa Finfinneetti taa’amaa jira

Guraandhala 15/2017(TOI)- Konfaransiin ummataa Finfinneetti taa’amaa jira.
Konfaransiin ummataa sadarkaa biyyaatti har’aa eegalee magaalaawwan gurguddoo Itiyoophiyaa 25 keessatti akka taa’amu Paartiin Badhaadhinaa ifoomsuun isaa nibeekama.
Haala Kanaan Konfaransiin ummataa lammiileen kutaalee hawaasaa garagaraa irraa walitti dhufa irratti hirmaatan Finfinneetti taa’amaa jira.
Bulchaan naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaa Dr. Idaashaawu Xaasoo, bulchituun naannoo Gaambeellaa Alamituu Umood, hoogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa waltajjii kana gaggeessaa jiru.