Konfaransiin ummataa sadarkaa biyyaatti taa’amu magaalaa Arbaa Mincitti eegalame

Guraandhala 15/2017(TOI)- Konfaransiin ummataa sadarkaa biyyaatti taa’amu magaalaa Arbaa Mincitti eegalameera.

Konfaransiin ummataa biyyaalessaa har’a irraa eegalee magaalota gurguddoo 25 keessatti akka taa’amu ibsameera.

Konfaransiin Arbaa Minci kun Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dabalatee koreen hojii raawwachiisaa Paartii badhaadhinaa fi miseensonni mana maree bakka argamanitti magaalaa Arbaa Mincitti taa’amaa akka jiru odeeffannoon naannoo kibba Itiyoophiyaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015