Konfaransiin ummataa magaalaa Shaggaritti taa’amaa jira

Guraandhala 15/2017(TOI)- Konfaransiin ummataa magaalaa Shaggaritti taa’amaa jira.

Konfaransiin ummataa sadarkaa biyyaalessaatti har’a irraa eegalee magaalota Itiyoophiyaa gurguddoo 25 keessatti akka taa’amu paartiin badhaadhinaa ifoomsuunsaa niyaadatama.

Bulchaan naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, ministirri jallisii fi naannawa gammoojjii Dr. Abrihaam Balaay, hoogganaan waajjira Paartii badhaadhinaa magaalaa Shaggar Alamaayyoo Tulluu fi hoogganaan biiroo daldalaa Oromiyaa Masarat Asaffaa Konfaransicharratti argamaniiru.

Jiraattonni kutaalee magaalaa Magaalaa Shaggar irraa walitti dhufan Konfaransii ummataa kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015