Magaalaawwan gurguddoo biyyattii garagaraatti Konfaransiin ummataa eegale - ENA Afaan Oromoo
Magaalaawwan gurguddoo biyyattii garagaraatti Konfaransiin ummataa eegale

Guraandhala 15/2017(TOI)- Konfaransiin ummataa guyyoota lamaaf turu Magaalaawwan gurguddoo biyyattii garagaraatti eegalameera.
Konfaransichi mata duree “Waadaarraa amma aadeffannaatti” jedhuun murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii idilee lammaffaa paartii badhaadhinaa Kanaan dura taa’amerrattii akka xiyyeeffatu ni’eegama.
Kunis murtoowwanii fi kannattiiwwan kana ummatatti gadi buusuun hojiirra oolmaasaaf haala mijataa uumuu akka ta’e himameera.
Bahaar Daar, Adaamaa, Gondar, Jimma, Dirree Dawaa fi Daseen Magaalaawwan Konfaransiin kun keessatti jalqabe keessaayyu.