Obbo Ashaadlii Hasan hojiilee misoomaa magaalaa Jigjigaa daawwatan

Guraandhala 15/2017(TOI)-Bulchaan naannoo Beeniishaangul Gumuz Obbo Ashaadlii Hasan hojiilee misoomaa naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Hoogganaan waajjira damee paartii badhaadhinaa naannoo  jiddugaleessa Itiyoophiyaa Dr. Dillaamoo Otoree daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa konfaransii ummataa boru magaalaa Jigjigaatti taa’amu akka gaggeessan odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannoo Beeniishaangul Gumuz irraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015