Konfaransiin hawaasaa magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira

Guraandhala 15/2017(TOI)- Konfaransiin hawaasaa jiraattonni kutaalee hawaasaa garagaraa irraa walitti dhufan irratti hirmaatan magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira.

Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Dr. Kaasahuun Goofee, Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa, akkasumas hooggantoonni naannoo Sidaamaa fi magaalaa Hawaasaa waltajjicha irratti argamaniiru.

Mootummaan nageenya waaraa fi guddina dhugoomsuuf rakkoolee adda baasuun ummataan walitti dhihaatee hojjechaa akka jiru ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Dr. Kaasahuun Goofee ibsaniiru.

Ajandaan misoomaa kamiyyuu hirmaannaa ummataan alatti hinmirkanaa’u kan jedhan ministirichi, mootummaan kana xiyyeeffannoo keessa galchuun waltajjiiwwan ummataa walitti aanan taasisaa akka jiru himaniiru.

Gaaffiiwwan ummanni kaasu irratti konfiransii kanaan akka mari’atamu ni’eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015