Paartiin Badhaadhinaa Paartii Waadaa Hojiin Mirkaeesaa jirudha-Dr. Kaasahuun Goofee

Guraandhala 15/2017(TOI)- Paartiin Badhaadhinaa Paartii Waadaa Hojiin Mirkaeesaa jiru ta’uu ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Dr. Kaasahuun Goofee ibsan.

Waltajjiin marii ummataa murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii idilee Paartii badhaadhinaa lammaffaan darban irratti xiyyeeffate magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira.

Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Dr. Kaasahuun Goofee waltajjicharratti akka jedhanitti, Paartiin badhaadhinaa waadaa badhaadhina hawaasummaa fi dinagdee ummataa mirkaneessuuf gale qabatamaan mirkaneessaa jira.

Keessumaa Qamadii biyya alaarraa galu hambisuuf yaa’ii paartichaa jalqabaa irratti ejjennoon qabamuu yaadachiisanii, yeroo ammaa fedhii qamadii biyya keessatti guuttachuun alatti gabaa alaaf erguun jalqabamuusaa dubbataniiru.

Hiyyummaa fi boodatti hafummaa magaalota keessatti hambisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Haala Kanaan Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii 56 keessatti hojiileen misooma kooriidarii Itiyoophiyaa madaalanii fi dhaloota dhufuuf cehan hojjetamaa akka jiran

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015