Bu’aalee misoomaa garagaraa magaalota keessatti galmaa’an itti fufsiisuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaadha-Dr. Tashoomaa Addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Bu’aalee misoomaa garagaraa magaalota keessatti galmaa’an itti fufsiisuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaadha-Dr. Tashoomaa Addunyaa

Guraandhala 15/2017(TOI)- Bu’aalee misoomaa garagaraa magaalota keessatti galmaa’an itti fufsiisuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uusaa Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsan.
Konfaransiin murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii idilee lammaffaa Paartii Badhaadhinaa irratti xiyyeeffate magaalaa Diillaatti Taa’amaa jira.
Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannoo Oromiyaatti kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggarii fi miseensi koree hojii raawwachiisaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Tashoomaa Addunyaa akka ibsanitti, hojiilee dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa mootummaan yaadama haaraan jijjiiramaa asitti hojjeteen bu’aaleen galmaa’aniiru.
Misoomaa fi bulchiinsa gaarii ilaalchisee magaalota keessatti jijjiiramoonni bu’uraa galmaa’uu eeranii, kana itti fufsiisuuf hirmaannaan ummataa murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Waltajjiin kun murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii idilee lammaffaa Paartii Badhaadhinaa irratti darban irratti hubannoo uumuun hojiirra oolmaa isaaf qindoominaan hojjechuuf kan akeekame ta’uu himaniiru.
Guddinni si’ataan magaalota keessatti dhufaa jiran magaalota jijjiiraa akka jiru kan kaasan ammoo bulchaa godina Geede’oo Dr. Zinaabuu Waldeeti.
Keessumaa misoomni kooriidarii fi hojiileen bu’ura misoomaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin hojjetamaa jiran rakkoolee misoomaa fi bulchiinsa gaarii magaalota keessatti furaa jira jedhaniiru.
Magaalota qulqulluu fi jiraattotaaf mijataa taasisuuf hojiileen jalqabaman akka itti fufan hirmaannaan ummataa cimuu qaba jedhaniiru.
Hooggantoonni mootummaa, bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa garagaraa, abbootiin aadaa fi amantaa waltajjicharratti argamaniiru.