Itiyoophiyaatti Badhaadhina mirkaneessuu fi tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruuf hojiin hojjetamu cimee itti nifufa-Dr. Biqilaa Hurrisaa

Guraandhala 15/2016(TOI)- Itiyoophiyaatti Badhaadhina  mirkaneessuu fi tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruuf hojiin hojjetamu caalaa cimee kan itti fufu ta’uu hoogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan.

Konfaransiin ummataa murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’iin idilee lammaffaa paartii Badhaadhinaa irratti mari’atu mata duree “waadaarraa amma aadeffannaatti” jedhuun magaalaa Bahaar Daaritti taa’amaa jira.

Dr. Biqilaan konfaransii kanarratti, galmi ijoon Paartii Badhaadhinaa Itiyoophiyaa badhaatee fi tokkummaan sabdaneessummaa ishee mirkanaa’e dhugoomsuudha jedhaniiru.

Tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruun akkasumas Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuuf tumsi akka taasifamu ibsaniiru.

Ummanni humnaa fi dandeettii qabuun misoomarratti akka hirmaatu carraa uumuun hirmaannaa fi itti fayyadamasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon akka taasifamu himaniiru.

Keessumaa dargaggoonni carraa hojii teeknooloojiin deeggarame uumuun nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuufis akkasuma.

Kanaaf murtoowwan Paartiin badhaadhinaa yaa’ii idilee lammaffaan dabarse amma gadiitti guutummaan hojeessuun ummanni akka tumsu gaafataniiru.

Bulchaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahun Kabbadaa ganasaaniin, diina waloo keenyaa kan ta’e hiyyumarratti duuluun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf nageenya buusuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii idilee lammaffaa Paartii Badhaadhinaan kaa’aman raawwachuun Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuu akka barbaachisu dubbataniiru.

Ummanni naannoo Amaaraa qormaata amma yeroof isa mudate cehuuf carraaqquiin  taasisaa jiru onnachiisaa fi kan galateeffamudha jedhaniiru.

Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonni, hawaasni daldalaa, dubartoonni, dargaggoonnii fi kutaaleen hawaasaa biroon konfaransicha irratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015