Obbo Adam Faaraah Yaa’ii Paartii Turk Aki irratti hirmaachuuf Ankaaraa dhaqan - ENA Afaan Oromoo
Obbo Adam Faaraah Yaa’ii Paartii Turk Aki irratti hirmaachuuf Ankaaraa dhaqan

Guraandhala 15/2017(TOI)-Itti aanaan pirezidaantii Paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Yaa’ii Paartii Turk Aki irratti hirmaachuuf Turk Ankaaraa dhaqaniiru.
Itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa kun Ankaaraa wayita gahan hooggantoonni olaanoo Paartii Aki fi Turkitti ambaasaaddar Adam Mahaammad dabalatee hooggantoonni Embaasichaa simataniiru.
Paartii Turk Aki boruu eegalee yaa’ii waliigalaa nitaa’a.
Paartiin badhaadhinaa yaa’icharratti akka hirmaatu afeerraan taasifameefii karaa itti aanaa pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah bakka bu’uun yaa’icharratti nihirmaata jedhameetu eegama.
Paartiin Turk Aki yaa’ii idilee lammaffaa Paartii badhaadhinaa baatii darbe taa’amerratti ittaanaa pirezidaantii paartichaa Zaafar Siirakayaan bakka bu’uun yaa’icharratti hirmaateera.
Hirmaannaa yaa’iin gamatti Paartiin badhaadhinaa fi Aki dhimmoota garagaraa irratti waliin hojjechuuf walii galtee mallatteessuun isaanii niyaadatama.
Haala Kanaan itti aanaan pirezidaantii paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah mallattoo waliigalteen booda Ankaaraa dhaquun yaa’ii Paartii Aki irratti nihirmaatu.
Paartileen kunneen walitti dhihaachuun hojjechuu fi ejjennoon qabxiileen waliigaltichaa Waloo irratti qabaman hojeeffamaa akka deeman carraa uumaa deemuuf akka dandeessisu odeeffannoon paartii badhaadhinaarraa argamenimul’isa.
Hariiroo mootummootaa fi ummattootaa biyyoota lamaan jidduu jiru boqonnaa caalutti akka cehu hariiroon paartii Badhaadhinaa Fi Aki jidduutti jalqabame walooma seena qabeessa biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti akka guddisu ibsameera.