Sirni imaltoonni Baaburaa tajaajila Tikkeettii karaa waraqaa eenyummaa Faayidaan itti argatan hojiirra ooluufi

Guraandhala 15/2017(TOI)-Fayyadamtoonni geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jibutii sirni waraqaa eenyummaa Faayidaa fayyadamuun karaa dijitaalaa Tikkeettii itti kutatan Wixata dhufuu eegalee hojiirra ni’oola.

Hojii raawwachiisaan olaanaa waldaa Aksiyoona Baaburaa Itiyoo-Jibutii Injiinar Taakkalaa Uumaa imaltoonni waraqaa eenyummaa kanatti fayyadamuun karaa onlaayinii Tikkeettii kutachuu akka danda’an ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin ibsaniiru.

Kun ammoo tajaajila geejjiba Baaburaa si’ataa, salphaa fi caalaatti mijataa akka taasisu himaniiru.

Tajaajila kana waldaan aksiyoona Baaburaa Itiyoo-Jibutii, Itiyoo-telekoom fi sagantaan waraqqaa eenyummaa biyyaalessaa waloon qopheessuu isaanii eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015