Hooggantoonni olaanoon hojiiwwan misooma magaalaa Bahaar Daar daawwachaa jiru

Guraandhala 15/2017 (TOI)- Hooggantoonni mootummaa olaanoon hojiiwwan misooma magaalaa Bahaa Daaritti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Ministirri gorsaa dhimma hawaasummaa ministira muummee Mu’aaze Xibabaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat, ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis, bulchaan baankii biyyaalessaa Maannoo Mihiratuu, pirezidaantiin mana murtii walii gala naannoo Amaaraa Alam Antee Aggidoo, dursaan itti aanaa Kantiibaa magaalaa Bahaar Daar Goshuu Indaalaamaawu dabalatee hooggantoonni biroon daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Hooggantoonni kunneen hojiilee riifoormii mana murtii walii galaa naannoo Amaaraa akkasumas misooma kooriidarii magaalaa Bahaar Daar fi hojiilee misoomaa biroo daawwataniiru.

Hojiileen riifoormii mana murtii waliigalaa Kanaan hojjetamaa jiran abdachiisaa fi kan jajjabeeffaman ta’uun ibsamuusaa odeeffannoon waajjira paartii Badhaadhinaa damee Amaaraa irraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015