Konfaransiin ummataa magaalaa Hararitti taa’amaa jira

Guraandhala 16/2017(TOI)- Konfaransiin ummataa kutaaleen hawaasaa garagaraa irratti hirmaatan magaalaa Hararitti eegalame.

Konfaransichi Murtoowwanii fi Kallattiiwwan yaa’ii idilee lammaffaa paartii Badhaadhinaa Kanaan dura deemsifamerratti darban irratti xiyyeeffatee mata duree “waadaarraa amma aadaatti” jedhuun taa’amaa jira.

Ministirri Industirii Malaakuu Allebel, itti aanaan bulchaa naannoo Hararii Roozaa Umar, Af-yaa’iin mana maree naannichaa obbo Sulxaan Abdulsalaam, hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa dabalatee miseensonni  hooggansaa naannichaa konfaransicharratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015