Konfaransiin ummataa magaalaa Bishooftuutti taa’amaa jira - ENA Afaan Oromoo
Konfaransiin ummataa magaalaa Bishooftuutti taa’amaa jira

Guraandhala 16/2017(TOI)- Konfaransiin ummataa magaalaa Bishooftuutti taa’amaa jira.
Konfaransiin ummataa sadarkaa biyyaatti murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii idilee lammaffaa paartii Badhaadhinaa irratti xiyyeeffate kaleessaa eegalee magaalaawwan gurguddoo biyyattii keessaatti taa’amaa jira.
Haala Kanaan konfaransiin ummataa lammiileen kutaalee hawaasaa garagaraa irraa walitti dhufan irratti hirmaatan har’a magaalaa Bishooftuutti taa’amaa jira.
Bulchaan naannoo Affaar Awwal Arbaa Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abduraahimaan, hoogganaan ijaarsa aadaa demokiraasii Paartii Badhaadhinaa Mallasee Alamuu waltajjicha gaggeessaa jiru.