Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Bitootessi horata gootummaa boqonnaa haaraa Imala Badhaadhinaa ittiin ijaarrudha!

Itiyoophiyaan biyya guddoo akkuma Warqeen Abiddaan qoramee Warqummaa isaa mirkaneessu qormaatota danuu injifachaa eenyummaa dhugaan ijaaramaa kan as geesse biyya seena qabeettiidha. Sirnootni darban eenyummaa dhugaa Itiyoophiyummaa haalanii humna cunqursaa waanjoo garbummaa murnaan itti ijaaran. Of irratti of waraanaafi ofirrattis of ajjeessaa waltakaaluun biyya gootummaan ulfina dachaa qabdu gola dukkana wallaalummaa fi hiyyummaa keessa jiraachisaa turan.

Biyyootni fagootti qaarisanii ulfinaafi guddina Itoophiyaa arganis ta’e jedhanii shiraan balbala itti cufanii imala ishee danquun diraamaa dukkana walwaraansaafi qe’ee maraammartoo hiyyummaa keessa akka jiraattu taasifame. Qormaatni jijjiirama qilleensaa Baha Afriikaatti deddeebi’ee mul’atus diraamaa namtolchee kana waliin dabaalamee Itoophiyaan dirqamtee bobaa gargaarsa ormaa jala akka daaddiftu gargaaramtummaas akka aadeffatu taasifame.

Shira kanaan Itoophiyummaa dhugaa haalchisanii daandii guddina irraa maqsuun imala irraan gadee gara maqmaqii hiyyummaafi wallaalummaatti imalchiisaniin diigamuuf caafiirra wayiita geessu qabsoo sabaan dhiibamee ilmi saba keessaa sabaaf dhalatee qiyyaasaan Badhaadhinaa MM Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahmad Itoophiyaa baraaruuf Bitootessa 24/2010 waadaa seene.

Dhugaafi jaalala; tokkummaafi abdii Itoophiyaas lallabe. Mogolee hiyyummaan laaffise jabeesse; abdi walwaraansaan dhumes deebisee haaresse. Kanaanis keessaafi alatti humni tokkummaa ijaaramee sabdaneessummaan dhugaanis libsuu ijaatti hunda mo’e. Ijaarsi Itoophiyaas eenyummaa dhugaa barootaaf hawwamaafi eegamaa ture hundarraa hundaan hundaaf akka ta’u bulchiinsi dhugaan riformiin sirneeffame. Federaalizimii sabdaneessi obbolummaa irratti bu’uureeffamuunis beekumsa mandhalee manaafi biyya beeku falaasama Ida’amuun hogganame.

Hoggantoota yaadama tarsiima’aafi tarkaanfataa qabaniin imalli Badhaadhinaas eegalame yeroo gabaabaa keessatti Itoophiyaan jijjiiramoota ajaa’ibsiisaafi ashaaraa dhaloota haaraa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa akkasumas dippilomaasiin kaa’uun dachee dinqii addunyaa raajeffachiifteefi diinota ishee keessaafi alatti afaan qabachiifte ta’uun Itoophiyaa dhugaan oljettee iftee mul’ate.

Saboonni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa imala Badhaadhinaa waloon eegalame tumsanii injifannoo wareegamaan argames tiksanii waloomatti ulfina dachaa horaniiru. Uummatni Oromoos qabsaa’ee qabseesisuu lolee lolchiisuun hoggansa tarsiima’aa haala Addunyaawaa beekee yaadee karoorsuufi hojjetee milkeessu Itiyoophiyaaf gumaachee injifannoorratti injifannoo dabalaa Imala Badhaadhinaatiin waggoota torba lakkoofneerra.

Imala waggoota torbaatiin Paartii jabaafi mootummaa cimaa ijaaruu, nagaa waaressuu, sirna federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti bu’uureessuu, dinagdee damdaneessa caasessuufi tarkaanfilee haaraa maddisiisuun qormaatota injifachaa waadaan ji’a Bitootessaa irraa jalaan gochaan dhugoomaa dhufe.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaa ganamaatti deebi’uun ergama Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuu fi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuu kudhaammatee harka tokkoon aggaammii diinotaa qolachaa harka biraatiin hojiiwwan misoomaa magaalaafi baadiyyaatti badhaadhina maatii, humnoota waloofi baajata mootummaa xiqqaa jiru fayyadamee baay’ina, qulqullinaafi ariitiin hojjechuun injifannoo raajii galmeessaa cabiinsa hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa irraa bayyanachuun danda’ameera.

Haaluma kanaan gama hawaasummaatiin Oromoon duudhaa isaa ganamaatti akka deebi’uuf labsii humnoota waloo qindeessuu ba’een rakkoo hawaasummaa waloof Buusaa Gonofaan, Misooma Waloof Tajaajilli Lammummaa, haqa Waloof Manni Murtii Aadaafi Nageenya Waloof Gaachanni sirnaa caaseffaman wabii uummata keenya tahuus mirkaneessaniiru. Kanaanis Oromoon Buusee waliif gonofee, tajaajila lammummaan misoomawwan bu’uuraa diriirsee, haqas abbaa haqaaf galchuun wabii nagaas ta’uu mirkaneesseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa uummata hamma jedhe ga’uufi jijjiirama bu’uureessaa jiru bifa tarsiima’aan qindeessee rifoormii Gandaa hojiirra oolchuun tajaajila mootummaas guutummaatti uummatatti siqseera. Kanaanis mootummaa sadarkaa Gandaatti jabeessee ijaaruun seenaa haaraa dalaguun dandaa’ameera.

Rifoormii dinagdee gaggeeffameen Qonna, Turiizimii, Albuuda, Industurii manufakcheriingii fi Tajaajilli Qunnamtii Odeeffannoo utubaalee gurguddoo dinagdee damdaneessaa milkaa’ina argamsiisanidha. Oomisha alaa galu biyya keessatti oomishuun alergii guddisaa imalli wabii nyaataa mirkaneessuu milkaa’aa jira. Waktii hunda gabaafi haala Addunyaa beekanii oomishuun gargaaramtummaa irraa oomishtummaattis imalli taasifamaa jirus abdachiisaadha. Kanaanis guddinni waliigalaa dinagdee Oromiyaa qormaata namtolchee fi uumamaa damdamachuun bara 2016tti % 8.2tti ol guddachuu danda’eera.

Gama siyaasaatiin injifannoon waloon akka biyyaatti gonfanne akkuma jirutti ta’ee, sabboonummaa Oromoo sirnaan ijaaruu, dinagdeen cimsuufi barnootaafi teknoloojiin humneessuun waadaan gochaan dhugoomee siyaasa Oromoos moggaa irraa gara giddu galeessaatti siqsuun injifannoon galmaa’aa jira. Kanaanis Oromoon siyaasa boo’icha keessaa ba’uun akka sabaatti gara ajandaa tarsiimessee diriirsuufi hojjetee milkeessuutti ce’aa jira.

Shira Oromoo Magaalota irraa dhiibuu raawwatamaa ture hundeen buqqisuun Oromoon magaalota mimmiidhagoo pilaaniin isaanii eegaman akka qabaatuuf rifoormiin gurmaa’insa magaalotaa gaggeeffameera. Magaalonni keenyaa kan Oromoo ofirraa dhiibaa guddatan osoo hin taane duudhaa Oromummaa calaqqisiisaa abbaa biyyummaas mirkaneessaa akka guddatanis taasifameera. Xiyyeeffannoon keenya lafa, namaafi mootummaa magaalomsuu akkasumas haaromsa aadaa geggeessuun injifannoon Oromoo sadarkaa boodatti deebi’uu hin dandeenyeen ga’uudha. Galma kana milkeessuuf imala keenya madaalaa galma qabanne akeekaa kutannoon hojjechaa jirra.

Gama hawaasummaatiinis damee Barnootaafi Fayyaa irratti jijjiirramni abdachiisaan galmaa’aniiru. Hojii tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa bu’uura boruu kumaatamaan ijaaruun dhalootni bu’uura cimaa akka qabaatu taasifameera. Dhaloota saayinsiifi teknoloojiin ga’oome naannoofi biyya keenyaaf uumuuf Manneen barnootaa Ifa Boruufi Ifa Boruu Bultii Addaa babal’isuun milkaa’inni argamaa jiru oolee bulee bu’aansaa kan mul’atu ta’a.

Damee fayyaatiinis waggoota muraasa darban imaammata dhibee dursanii ittisuufi humna yaaluu olguddisuun lammilee fayya buleessa horachuuf kutannoon hojjetamaa jira. Kellaa fayyaa dhaloota lammaffaa babal’isuufi tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa guddisuunis milkaa’inni argameera. Wareegama kitimni kaffalamee iccitiin injifannoowwan imala badhaadhinaa itti fufiinsaan akka gonfannu taasise hooggansa yaadee karoorsu, uummata hojjetee milkeessuufi injifannoo tikfatu qabaachuu keenya irraa kan maddudha.

Uummatni keenya waanjoo garbummaa caccabsee bilisa of baaseera. Imala badhaadhinaa aarsaa kaffaluun itti fufsiiseera. Kanaafis mootummaan keenya uummata akka jedheefi hamma jedhee ga’u qabatee gaara hiyyummaafi wallaalummaa diiguun galma badhaadhinaa milkeessuu irraa humni boodatti deebisuu akka hin jirre hubachiisuu barbaadna. Galmi keenya guddaa, daandiin keenyas fagoo waan ta’eef, waadaa keenya haaressaa milkaa’inoota argaman dachaan daballee aadessuun Itoophiyaa hunda fakkaattu hundarraa hundaaf hundaan ijaaruuf galma qabame ni milkeessina.

 

Walii Galan Alaa Galan!

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Bitootessa, 2017

Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015