Hojiilee damee qonnaa naannoo Oromiyaa ammayyeessuuf hojjetaman keessatti bu’aa jajjabeessaan galmaa’eera - ENA Afaan Oromoo
Hojiilee damee qonnaa naannoo Oromiyaa ammayyeessuuf hojjetaman keessatti bu’aa jajjabeessaan galmaa’eera
Ebla 02/2017 (TOI)-Qonna naannichaa ammayyeessuun fi mekaanaayizeeshinii babal’isuun bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jiraachuu Biiroon Qonna Naannoo Oromiyaa beeksise.
Damee qonnaa ammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuu;
qonnaan bultoota hirkattummaa jalaa bilisa baasuu, oomishtummaa isaanii guddisuu fi fayyadamummaa isaanii guddisuun kallattii xiyyeeffannoo damee qonnaati.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas damee kana ammayyeessuun hojiilee qonnaa adda addaa hawaasa fayyadamoo taasisuuf inisheetiivota bocee hojiirra oolchaa jira.
Naannichi qonna teeknooloojiin deeggaruun oomishaa fi omishtummaa qonnaan bulaa guddisuun, kanaanis fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu galma kaawwate hojiiwwan hedduu raawwateera.
Waggoota darban keessatti hojiiwwan makaanaayizeeshinii qonnaa naannichatti hojjetaman oomishaa fi oomishtummaa dabaluu qofa osoo hin taane, oomishaalee qulqullinaa fi baay’inaan haala qisaasama irraa bilisa ta’een oomishuuf fi walitti qabuu akka dandeessise himameera.
Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Biiroo Qonnaa Naannichaa Bariisoo FayyisaaTOI tti akka himanitti, hojmaata qonnaa ammayyeessuun damichi dinagdee bu’a qabeessa ta’een deeggaruun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuu danda’eera.
Naannichatti hojiiwwan Kanaan duraatiin naannichatti bu’aa jajjabeessaan argameera, xiyyeeffannoon damicha ammayyeessuun daran cimee kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Damee qonnaa ammayyeessuuf tiraaktaroota amma naannichatti hojiirra oolan malees bara bajataa kanatti tiraaktaroota qonnaa dabalataa bal’inaan qonnaan bultootaaf kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni kanaan dura qotiyyoodhaan lafa heektaara nuusa hincaalle dhamaatii meeqaan qotaa turan har’a tiraaktaraan heektaara 5 amma 10 qotaa akka jiru ibsaniiru.
Keessattuu, oomishaalee qonnaa haala qisaasama irraa bilisa ta’een, qulqullinaa fi baay’inaan akka oomishaman, akkasumas yeroo barbaadametti dhiheessuunhojiileen abdachiisoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Oomishaaleen al-ergii qulqullina isaanii akka eeggatan gochuuf makaanaayizeeshiniin qonnaa gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus hubachiisaniiru.
Gara fuulduraattis mootummaan naannichaa qonnaan bultoonni mala qonnaa aadaa irraa fagaatanii gara mala qonnaa ammayyaatti akka ce’an jajjabeessuuf tattaaffii taasisaa jiru daran cimsee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultootaaf, Dargaggoota hojii barbaadaii gurmaa’an, waldaalee fi Yuuniyeenotaaf liqiin mijaa’uu isaa fi haala kunuunsa tiraaktarootaaf deeggarsi akka taasifamu eeraniiru.
Tibbana mootummaan naannichaa tiraaktaroota qonnaa kuma 1 fi 402 qonnaan bultoota, waldaalee, Yuuniyeenotaa akkasumas waldaalee hojii gamtaa bu’uuraaf kennuun isa isaa niyaadatama.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa tibbana tiraaktaroota qonnaa kuma 1 fi 402 qonnaan bultootaa fi waldaaleef magaalaa Shaashamanneetti yeroo dabarsanii kennan, fayyadamummaa qonnaan bultoota naannichaa guddisuuf haaromsi godhame firii argachaa akka jiru beeksisuun isaanii ni yaadatama.