Baatiiwwan sagal darban naannicharraa bunni Toonii kuma 36 caalu  gabaa jiddugaleessaaf dhihaateera

Ebla 09/2017 (TOI)- Baatiiwwan sagal darban naannoo ummattoota kibba lixaa Itiyoophiyaarraa bunni Toonii kuma 36 fi 600  gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuu abbaan taayitaa buna, shaayee fi mi’eessituu naannichaa beeksiseera.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa Asraat Makuriyaa naannichatti sanyii bunaa fooyya’aa qonnaan bulaa biraan gahuun fi dhiheessii gabaa ammayyeessuun bu’aan argamuu TOI’tti himaniiru.

Lafa naannichatti bunaan qabame heektaara kuma 582 irraa buna  qulqulluu argachuuf oomishtoota Bunaaf leenjiin kennamuu eeraniiru.

Kanarraa baatii sagal bara bajatichaatti toonii kuma 67 fi 800 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuuf karoorfame keessaa toonii kuma 36 fi 600 ol dhiheessuun akka danda’ame ibsaniiru.

Buna gabaa jiddugaleessaaf dhihaate keessaa tooniin kuma 10 fi 700 kan dhiqame yoo ta’u toonii kuma 25 fi 900 ol kan hindhiqamne ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015